Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Ibsa ejjennoo miseensota ABO Konyaa Victoria, Australia.

Sabni mirga Ofiif lolu yoomiyyuu ni mo’a !!!

Guraandhala 14,  2010.

Sabni mirga ofii sarbame mirga ofii deeffachuuf gita bittoota mirga dhala namaa dhiitanii bituu barbaadan irratti  qabsoo gaggeessu bakki fi yeroon inni itti mo’amee fi gaffii mirgaa seeraanis ta’ee wareegama lubbuu isaa itti baasee hiree isaa gaafatu, yeroo inni itti fedhii isaa ga’uuf hanqate seenaa qabsoo cunqurfamootaa keessatti kan galmaa’ee mul’atu hin jiru. Kanaaf raga barbaaduuf karaa fagoo deemuun nama hin feesisu. Lola mirgaa fi bilisummaa saba Eertiraa, Istiimoor, Fiijii, uummata kibba Afriikaa, …kkf maqaa dha’uun ni danda’ama. Dhugaan sobaan haguugamuu ni dandeessi ta’a, garuu bakka ishii hin hanqattu.

Giti bittoota Habashaa bittaa abbaa irrummaa dhaalamaan uummata Oromoo irratti duraa duubaan wal dabarsaa haa dhufaniyyuu malee Oromoon yeroo inni callisee of irratti ilaale hin jiru. Toftaa adda addaa fayyadamanii QBO dhabamsiisuuf humna, maallaqaa fi dandeettii qaban maraan itti bobba’aaniiru. Haa ta’u male QBO dhabamsiisuu hin dandeenye, hin danda’anis ture.  

Haala yeroo ammaa keessatti yoo ilaalle Wayyaaneen qaroominaa saayinsii baranee fi  haxxummaa adda addaa fayyadamtee QBO dhabamsiisuuf dhagaan isheen hin garagalchin hin jiru. Fakkeenya eeruun yoo barbaachise:

  • Qabsaa’ota guddina maallaqaatiin dogoggorsuu yaaluun,
  • Qabsaa’ota Ololaan daguu fi diina tarsiimoo dhaaba keenya ABO keessatti ijaaruun mooraa QBO laaffisuu yaaluun,
  • Biyyoonni guddatan akka QBO irraa gurra qabatan fi fagaatan dantaa fi ololaan afaan    faajjessuu,
  • Biyyoota ollaa irratti duuluun qabsoo keenya duubbee dhorkachuuf yaalii  ishiin gootu irraa hubacchuun ni danda’ama.

Haa ta’u malee qabsoon Sabni Oromoo gaggeessu qabsoo haqaa waan ta’eef akka diinni hawwutti hin badu, hin cabu, hin diigamu, hin mo’amus!!! Kana ammoo firoottan qofaa osoo hin taane diinotni QBO marti  akka beekan fi hubatan barbaanna.

kallacha QBO kan ta’e ABOn durfamee qabsoon Ummanni Oromoo gaggeessu ibidda bobaa jalaa kan itti ta’ee Wayyaaneen, humna qabduu fi hin qabne hunda fayyadamtee ABO dhabamsiisuu ykn diiguuf  halkanii fi guyyaa hojii fardii godhattee itti bobbaatee jirti. Gama kaaniin ammoo dura dhaabbannaa WBO waliin dirree falmaa irratti gootu bira darbee miseensota biyya keessaa fi biyyoota ambaa keessa jiraatan hundaa irratti qiyyaafannaa addaa gochuun tokkummaa miseensotaa dhamsiisuuf hirriba dhabdee hojjechaa jirti. Waan ta’eef miseensi dhaabaa hundi adeemsa diinaa kanatti dammaqee jala bu’uun  bakka jiru maratti dura dhaabbachuu fi fashalsiisuu danda’uun kan yeroon gaafatuu fi dirqama lammummaa fi qabsoon nurraa eegudha jenna.

Nuti miseensoti ABO Konyaa “Victoria” Kora Konyaa Guraandhala 14, 2010 taasifanne milkii fi injifannoon xumaranneerra. Sana  boodas yaada armaan olii irratti xiinxala ga’aa gochuun, irree fi tokkummaa keenya jabeeffannee qaawwaa adeemsa diinaa ofiirraa cufuun, tokkummaa miseensotaa fi hawaasa keenyaa irratti of kenniinsa ga’aan hojjechuuf, mooraa diinaa huuqqisaa mooraa QBO gabbisuuf waan dandeenyu maraan dhaaba keenya ABO cina dhaabbannee waan nurraa egamu ni kaffalla jechuudhaan ibsa ejjennoo armaan gadii kana baafanneerra.

1.      Dhala Oromoo kan ta’e mara diinni Oromummaa isaatiif dhabaamsiisuuf halkanii guyyaa itti duulaa jira. Yeroo ammaatti ammoo caalaadhumattuu hawaasa keenya amantii, naannummaa, kutaa fi gosaan adda qoodee kan isaaf falmu fakkaatee hawaasa keenya afaan faajjessee qabsoo isaa irraa fageessuuf tattaafachaa jira waan ta’eef uummanni oromoo marti kana hubatee olola diinattiin guyoomsamuu dhiisee qabsoo isaa bifa maraan akka finiinsu dhaamnaaf.

2.      Afaan faaji’ansa wayyaaneen yeroo ammaa qabsaawota bilisummaa Oromoo keessa facaasaa jirtu mara miseensi kamuu bakka jiru maraa dammaqee dura dhaabbachuun qajeelfama dhaabni isaa ABO kennu jalatti hiriiree olola diinaa cabsuun harka wal qabatee qabsoo isaa akka finiinsu fi  wareegama bifa kanmiinuu irraa eegamu akka raawwatu ni gaafanna.

3.      Gantoonni QBO

  • Hoogganummaan osoo harka jirtuu warra hooggana hamatanii fi balaaleffatan,
  • Hidhannoo guutuun osoo harka jiruu warra diinatti qiyyaafachuu lagatan,
  • Ijji isaanii gochaa gara jabinaa diinni lammii isaanii irratti raawwatu arguu dadhabanii fi  diina tarsiimoo ta’uun warra dhaaba keessatti of ijaraan,
  • Garaa isaanii dadhabanii irbuu kaleessa QBOf seenanii fi waadaa saba isaniif galan   warra cabasan,
  • Bolola aangoof  jecha gaachana QBO kan ta’e WBO  waggoota dheeraaf wareegama meeqa keessa ba’ee  ijaarame  diigan,
  • Qawwee kaleessa wareegama jaalleewaniin argame dabarsanii diinaaf badhaasan,
  • Har’a bobaa diinaa jala taa’uun akka waan qabsoo Oromootiif dhumateetti ololaa jiran, uummanni keenya bakka jiru maratti dura dhaabbannaa isaa akka cimsu, fedhii fi jaalala  qabsoo fi dhaaba isaa ABOf qabu akka mirkaneessu  gaffanna.

4.      Hidhaa, ajeechaa, saaminsa gara jabinaa, barbadaa’insa qabeenyaa fi duguuginsa sanyii yeroo ammaa mootummaan abbaa irree Itoopiyaa, Wayyaaneen saba cunqurfaamoo hundaa irratti gageessitu kamuu ni mormina, waan dandeenyu maraan dura dhaabbanna.

5.      Mooraa qabsoo gabbisuuf jecha dargaggoonni, shamarran, ogeeyyonni, hayyoonni Oromoo fi walumaa galatti Ummanni Oromoo marti  diinni keenya akka salphaatti akka nurraa hin kaane hubatee, dhibdee xixxiqqoo adeemsa qabsoo keessaatti calaqqisaanii fi kan yeroon furmaata itti kennuu malutti yeroo keenya baleessuu dhiifnee diina keenya guddaa kan taate Wayyaanee irratti akka xiyyeeffannu waamicha lamummaa dhiyeessina.

6.      Xumura irrattis nuti miseensonni ABO Konyaa Victoria, Australia qajeelfama dhaaba keenya ABO irraa nutti kennamu kamuu raawwachuudhaaf, Seeraa fi Heera dhaabaa tiksuudhaan hanga galiin QBO bakka ga’utti, dhaaba keenya cina dhaabbannee waan nurraa eegamu mara kaffaluuf waadaa keenya kan haaressinee fi qooda nurraa eegamu ba’uuf qophii ta’uu keenya ni mirkaneessina.

Gadaan Gadaa Bilisummaati !!!

Injifannoon Uummata Oromoof !!!

Miseensota ABO konyaa Victoria, Australia

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net